Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov daawwannaa hojiif magaalaa Finfinnee galan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov daawwannaa hojiif magaalaa Finfinnee galaniiru.

Sargee Laavroov wayita buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniniifi hoggantoonni olaanoon mootummaa simannaa taasisaniifiiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov turtii isaaniin hariiroo gamlamee biyyoota lameeniifi dhimmoota idil addunyaa biroorratti ni mari’atu jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.