Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 2, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo waliin mari’atan.

Marichi Waashiingitan waajjira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti gaggeeffame.

Turmaata isaanitiinis hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota naannoorratti mari’ataniiru.

Jijjiirrama Ityoophiyaan itti jirtuu fi nageenya gaanfa Afrikaatti dhufaa jiruuf Ityoophiyaan deeggarsa Ameerikaaf iddoo olaanaa kan laattu ta’uu ibsaniiru.

Fooyyessa diinagdee biyya keessaa fi ijaarsa dhaabbileerratti Ameerikaan tumsashee akka itti fuftu obbo Gadduun gaafataniiru.

Sudaan Kibbaa fi Soomaaliyaatti nageenyi waaraan akka bu’uuf shoora Ityoophiyaan taphattuuf Ameerikaan tumsashee akka itti fuftu gaafataniiru.

Ijaarsi Hidha Haaromsaa faayidaa biyya kamiituu kan hin miine ta’uu obbo Gadduun ibsaniiru.

Maayik Poompiyoon gama isaanitiin muummee ministiraa badhaafamaa noobeelii nageenyaa ta’uu isaanitiin gammachuu itti dhaga’ame ibsanii, badhaasichi itti gaafatamaa fi humna hojii dabalataa kan ta’u ta’uu ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Ameerikaa Ityoophiyaatti invast akka godhaniif dhiibbaa kan taasisan ta’uu eeraniiru.

Dhimmi Hidha Haaromsaa fi mariin Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan eegalan nagayaan akka xumuramu fedhii isaanii ta’uus ibsan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.