Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Bakka Bu’aa Addaa Mirga Namoomaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeeraa Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Bakka Bu’aa Addaa Mirga Namoomaa Gamtaa Awurooppaa Imaan Gilmoor waliin dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon Bakka Bu’aa Addaa Gamtichaa waliin Biraasalsitti haala yeroo ityoophiyaarratti mari’achuun eerameera.

Bakka Bu’aan Addaa Gamtichaa baatii Caamsaa keessa Finfinnee erga daawwatanii booda haala yeroo Ityoophiyaarratti odeeffannoo waljijjiiraa turuu eeraniiru.

Dooktar Geediyon, dhimmoota mirga namoomaa, yaalii nageenyaa dursummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jiruun jijjiirama dhufaa jirurratti xiyyeeffachuun ibsa kennaniiru.

Bakka Bu’aan Gamtichaa Imaan Gilmoor Ityoophiyaatti jijjiiramoota dhufaa jiran hubachuu eeranii, jijjiiramoonni kunneen ammo cimanii itti fufuu akka qaban himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.