Ministirri Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan Yuukreen galan On May 14, 2024 96 Finfinnee, Caamsaa 6, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan daawwannaa tasaa taasiisuuf Yuukreen Kiyeev galaniiru.Antoonii Biliinkan halkan edaa Poolaandii ka’uun Buuburaan imalanii Kiyeev kan galan deeggarsa Ameerikaan lammiilee Yuukreen haala rakkisaa keessa jiraniif qabduu fi hariiroo cimaa biyyoota lamaanii mul’isuuf ta’uu eerameera.Waayita Raashiyaan Kaaba Baha Yuukreenitti duula bantee waraanni gaggeeffamaa jirutti Ameerikaan deeggarsa Yuukreenii fi lammiilee biyyattiif qabdu mul’isuuf Antoonii Biliinkan daawwannaa Dippiloomaaasii taasiisuuf Kiyeev galuu isaanii Al Jazeeraan gabaaseera.Erga Ameerikaan deeggarsa waraanaa Doolaara biiliyoona 61 Yuukreeniif raggaasiftee Antoonii Biliinkan yeroo jalqabaaf gara Kiyeev imaluu gabaasichi eereera.Antoonii Biliinkan Pireezidaantii Yuukreen Vooloodiimiir Zalaniskii dabalatee aanga’oota biyyattii biroo waliin dhimmoota waqtaawaa adda addaarratti ni mari’atuun eegama.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXRMarsariitii fanabc.com/afaanoromooTwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aaFeesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna. 96 Share FacebookTwitterTelegramWhatsAppEmailViberPrint