Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa Finfinnee galaa jiru

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa Walga’ii idilee Hojii Raawwachiiftootaa 44ffaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa Tuuniziyaa, Sudaan Kibbaa fi Aljeeriyaa har’a Finfinnee seenaniiru.

Ministiroonni kunneen waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simannaa taasiisaniifiru.

Walga’iin Adilee Hojii Raawwachiiftootaa Gamtaa Afrikaa 44ffaan boruu eegalee guyyoota lamaaf Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.