Fana: At a Speed of Life!

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samartaa Sawaasaw hoggantoota hojii Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samartaa Sawaasaw hoggantoota hojii Gamtaa Awurooppaa waliin mari’ataniiru.

Samartaa Sawaasaw Komishinii Gamtaa Awurooppaatti Daayrektara Tumsa Idil Addunyaa Afrikaa Saandiraa Kiraamarii fi Gamtaa Awurooppaatti Daayrektara Tajaajila Alaa Afrikaa Riitaa Laaraa waliin Biraasalsitti mari’achuu ibsameera.

Marichaan Samartaa Sawaasaw hojiilee yeroo ammaa kaaba Ityoophiyaatti hojjetamaa jiran irratti hoggantoota kanneeniif ibsa taasisaniiru.

Mootummaan kaaba Ityoophiyaatti waraana tureen walqabatee dhiittaawwan mirga namoomaa akka qorataman, deggarsi namoomaa akka qaqqabsiifamuu fi lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuuf hojiilee hojjetamaa jiran akkasumas adeemsa marii biyyaalessaarratti ibsa laataniiru.

Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa, hongee fi qaala’iinsa gatii xaa’oo biyyoon walqabatee rakkoolee uumaman irratti ibsa taasisuu eerameera.

Rakkoolee kanneeniif furmaata waaraa kennuuf mootummaan Ityoophiyaa qaamolee misoomaa dhimmi ilaallatu waliin dhiyeenyatti hojjechuuf kutannoo qabaachuu addeessaniiru.

Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa gamasaaniin, walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti uumame hordofee tarkaanfiiwwan mootummaan fudhate dinqisiifachuu ragaan Beeljiyeemitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.