Ministeroonni Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarraatti boru Waashingitaanitti ni mari’atu
Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Ministeroonni Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarraatti boru Waashingitanitti ni mari’atu.
Ministeroonni Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarraatti borurra eegaleee guyyaa lamaaf Ameerikaa Waashintan Diisiitti ni mari’atu
Maricharratti hirmaachuuf Minisirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw dabalatee ministeroota dhimma alaa Sudaanii fi Gibts, ministeroota bishaanii, ogeessoonii damee bishaanii fi seeraa Waashingtaan galaniiru.
Walga’ii guyyaa boruu fi iftaan gaggeeffamu kanarratti walii galtee wixinee gutiinsaa fi qabiinsa bishaanii hidha haaroomsarratti mariin akka gaggeeffamu Ministirri Bishaan, Jalliisii fi Iinaarjii FDRI Dooktar Injiinar Shilashii Baqqalaa fuula Twuutera isaaniin ibsaniiru.
walii galtee wixinee gutiinsaa fi qabiinsa bishaanii hidha haaroomsaa kanaan dura marii sadarkaa teeknikaatti gaggeeffameen bu’aa argame bu’uura godhachuun kan qophaa’e ta’uu ministeerichi ibsaniiru.
Mariin Biyyoota sadeenii hidha haaromsaa ilaalchisuun guyyaa 10 dura Waashingtaanitti gaggeeffame milkiin xumuramuun isaa niyaadatama.