Fana: At a Speed of Life!

Ministeerrii Qonnaa fi Albuudaa waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Asiidummaa Biyyoo yeroo gababaa keessatti hir’isuuf Ministeerri Qonnaa fi Albuudaa waloon hojjeechuuf waliigalaniiru.

Haaluma kanaan Asiidummaa Biyyoo Ityoophiyaatti babal’achaa dhufee Dhagaa Nooraan hir’isuuf koree teeknikaa hundeessuun hojiitti galamuun ibsameera.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Habtaamuu Tagaanyi fi Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amaanteen haala rakkoo Asiidummaa Biyyoo saffisaan furuuf mari’ataniiru.

Asiidummaan biyyoo Ityoophiyaatti babal’achuun oomishaa fi oomishtumman hir’acha jiraachuun eerameera.

Keessattuu Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa Sidaamaa, Ummattoota Kibbaa Lixa Ityoophiyaa, fi naannoo Ummattoota Kibbaa miidhamoo asiidummaa biyyee ta’uun ibsameera.

Waliigalatti Ityoophiyaatti lafti heektarri miiliyoonni 3.1 Asiidummaa biyyoon miidhamuu ragaan Ministeera Albuudaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.