Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Nagaa Kabachiisistoota Idil Addunyaa Giddugala Leenjii Hursootti marsaa 13ffaaf leenjisaa ture eebbise

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Nagaa Kabachiisistoota Idil Addunyaa Giddugala Leenjii Hursootti marsaa 13ffaaf leenjisaa ture eebbise.
Eebbifamtoonni kunneenis nagaa kabachiisummaa Mootorayizidii 15ffaa Sudaan Kibbaa jirutti ni dabalamuu jedhameera.
Dirqaama Idila Addunyaa karaa gaahumsaa fi qulqullina qabuun akka raawwatanifi leenjii gaha kennamuufi himameera.
Sirna eebbaa kanarrattis Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaatti Daayrektarri Daayrektooreetii Indooktireeshiinii Mejar Jeneeraal Mahammad Tasammaa fi hogganttoonni olaanoo Federaalaaa fi bulchiinsaa Magaalaa Diree Dhawaa irratti argamaniiru jedhame.
Raayyaan Ittisaa Biyyaa birmaduummaa Ityoophiyaa kabachiisuufi eegu irraa darbee nageenya Afriikaafi Nagaa kabachiisu idila Addunyaa irratti hirmachaa jiraachuus himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.