Ministeerri Qonnaa fi Inistiityuutiin Teeknooloojii fi Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan
Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Ministeerri Qonnaa fi Inistiityuutiin Teeknooloojii fi Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa odeeffannoo saatalaayitii fayyadamuun oomishtummaa Qonnaa guddisuuf sanada waliigalte mallatteessan.
Odeeffannoo Saatalaayitii fayyadamuun qonna ammayyeessuu, raaga haala qilleensaa fi ga’umsa ogeeyyii guddisuuf Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseenii fi daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Teeknooloojii fi Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa obbo Abdiisa Yilmaa sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
InistiityuutiinTeeknooloojii fi Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa Saatalaayitii lama fayyadamuun odeeffannoo dhaabbilee dhimmi ilaallatuuf dabarsaa jiraachuu obbo Abdiisa Yilmaa ibsaniiru.
Qaamoleen ragaa Saatalaayitii barbaadan hedduu ta’anis dameen Qonnaaf dursa laachuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Qonna ammayyeessuuf ogeeyyii qonnaa ga’oomsuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.