Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Qonnaa FDRI oomishti qonnaan bulaa akka hin qisaasamne yaadachiise

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Ministeerri Qonnaa FDRI oomishti qonnaan bulaa akka hin qisaasamne yaadachiise.

Ministeerichi oomishti sassaabbame sirnaan akka kaa’amus dhaamera.

Ministir deettaan ministeerichaa obbo Saanii Raddiin Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, lafa bara oomisha qonna Gannaa 2011/2012tti sanyiidhan uwwifame keessaa %90 sassaabbameera.

Yeroo sassaabbiitti akkuma of eeggannaan taasifamu, kuusaa keessattis akka hin qisaasamne of eeggannaa gochuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Qophii ooyruurratti fayyadamtummaan meekaanaayzeeshinii sadarkaa olaanaarra qaqqabaa dhufuu ibsaniiru.

Oomishti naannoo baddaatti walitti hin qabamin akka sassaabbamuuf roobni sodaachisaan midhaan balleesu jiraachuu baatus, hirmaannaa fi tumsi hawaasaa akka itti fufu gaafataniiru.

Midhaan ooyrurraa sassaabuun cinaatti, hojiin misooma jallisii itti fufuu ibsan obbo Saaniin.

Lafa misooma jallisii qamadiidhan uwwisuuf karoorfame heektaara kuma 32 keessaa amma ammaatti kumni 7,500 sanyiidhan uwwifameera.

Qonnaan bulaan jallisiidhan ni misoomsa lafa jedhame heektaara miiliyoona 1.2 keessaa kumni dhibbi 6 misoomuu eegaleera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.