Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri nageenyaa fi UNICEF waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Mudde 4, 2017 (FMC)-Ministeerri Nageenyaa fi Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii (UNICEF) walitti bu’iinsa ittisuu fi ijaarsa nageenyaa irratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Mahaammad Idiriis, Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aan UNICEF Dooktar Abubakar Kaampoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaanii nageenya waaraa ijaaruuf, lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’an deebisuu, walitti bu’iinsi mudachuun dura, dursanii akeekkachiisuu fi deebii hatattamaa kennuuf akkasumas waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojiilee gaggeeffaman irratti Obbo Mahaammad Idiriis ibsa kennaniiru.

Dooktar Abubakar gama isaaniin, Ministeerichi nageenya waaraa ijaaruuf hojiileen raawwachaa jiru ergama dhaabbata isaaniin kan walsimu ta’uu hubachuu himan.

Fuulduratti dhaabbileen lameen walitti bu’iinsa ittisuu fi hojiilee ijaarsa nageenyaarratti waloon hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.