Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii naannoo Kibbaaf paampiiwwan bishaanii 400 kenne

Finfinnee, Mudde1, 2015 (FBC) – Ministeerri Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii naannoo Uummattoota Kibbaaf paampiiwwan bishaanii 400 deeggarsa taasise.

Ministeerichi paampiiwwan bishaanii misooma jallisii boneef oolan naannichaaf deeggarsa taasisuu ibsameera.

Paampiiwwan kanneen Ministirri Ministeera Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad Pireezidaantii naannichaa Ristuu Yirdaatti dabarsanii kennaniiru.

Deeggarsi taasifame sochii naannichatti lafa heektaara kuma 200 ol jallisii boneen misoomsuuf taasifamaa jiru kan deeggaru ta’uu Obbo Ristuun addeessaniiru.

Misoomni jallisii qaala’iinsa jireenyaa salphisuufi oomishaafi oomishtummaa dabaluuf gahee olaanaa qabaachuu eeruun, milkaa’ina damichaaf mootummaan naannichaa baajata Birrii biiliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Injinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, ministeerichi hojiilee damicharratti hojjetaman deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Piroojektiiwwan jallisii gurguddaa ijaarsisuun damicha guddisuuf tattaaffii taasisaa jira jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.