Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin bu’uraalee Misooma Invastimantii Eeshiyaa tumsaan hojjehuuf waliigalan
Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin bu’uraalee Misooma Invastimantii Eeshiyaa tumsaan hojjehuuf waliigalteera ga’uu ibsameera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Pireezidaantiin Baankichaa Jiin Liikuw dhimmoota waloon hojjechuuf dandeessisurratti mari’taniiru.
Obbo Ahimad Shiideen Riifoormii diinagdee taasifame dabalatee hojiilee akka biyyatti hojjetaman ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Baankichi hojiilee Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu kanneen haala tumsuu danda’amurratti mari’chuu eeraniiru.
Pireezidaantiin Baankichaa Jiin Liikuw gama isaaniin dhaabbanni isaanii hojiilee Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu deeggaruuf murannoo qabaachuu himaniiru.
Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.