Ministeerri Maallaqaa Bakka Bu’oota Xaaliyaanii waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Jilli Daayrektara Olaanaa Walta’iinsa Misoomaa Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaanii Isteefan Gaatiiin durfamu qondaaltota Ministeera Maallaqa waliin mari’ateera.
Marii isaaniin Ministir Deetonni Ministeerichaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyii fi Aadde Samaariittaa Sawaasawu, dhimmoota mootummaan Itiyoophiyaan dursa kennuuf irratti mootummaan xaaliyaanii deeggarsa maallaqaa taasiseef galateefftaniiru.
Qindeessa qonnaa, anniisaa, carraa hojii uumuu, oomshtummaa Bunaa fooyyessuu fi fuuncaa sonaa guddisuu, misooma magaalotaa fi walta’iinsa misoomaa babal’isuuf pirojetoota gagggeeffamaa jiran saffisuu fi ittidhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu jilichaaf ibsaniiru.
Dabaltaan, Xaaliyaaniin Pireezidaantii biyyoota Garee 7 waan taateef kaffaltii qabeenya qilleensaa fi “Matii Pilaan” karoora bara 2023 Mootummaa Xaaliyaaniin ifoome misoomaa Afrikaaf akka hojiirra oolu taasisuuf fedhii misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf waadaa galaniiru.
Biyyoonnii lameen faayidaa waloof walitti dhiyeenyaan hojjechuuf, sararoota hariiroo qabanii cimsuuf waliigalteerra ga’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia