Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii deeggarsa qaamolee adda addaarraa walitti qabe buqqatootaaf laate

Finfinnee, Eebila 30, 2014 (FBC) – Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii deeggarsa meeshaalee nyaataa fi uffataalee Birrii miiliyoona 8tti tilmamamu qaamolee adda addaarraa walitti qabe buqqatoota naannoo Affaaritti argamaniif laateera.

Ministeerichi deeggarsicha hojjettootaa fi qaamolee garaagaarraa kan walitti qabeedha.

Itti gaafatamaan waajjira ittisa balaa fi qindeessaa wabii nyaata naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseenii, buqqaatoota aanolee Baarihaallee, Koonbaa, Abi’aal, Iriibtuu fi Daaluulitti argaman gara qe’eesaaniitti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Buqqaatonnis gara qe’eesaaniitti deebi’uun akka dandamataniif deeggarsi dabalataa akka barbaachisuu ibsaniiru.

Rakkoon buqqaatonni da’annaa Dubtii keessatti argamaniis humna naanniichaatin ol ta’uusaan qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo laachuu akka qaban ibsamuu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.