Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Indaastirii raayyaa ittisaaf Birrii miiliyoona 16 deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Ministeerri Indaastirii fi dhaabbileen waamamtootaa raayyaa Ittisaa biyyaaf deeggarsaa maallaqaa fi akaakuu Birrii miiliyoonaa 16tti tilmamaamuu taasisaniiru.

Deeggarsi taasifame raayyaa ittisaa birmaddummaa biyyaaf wareegama kaffalaa jiruuf aantummaa mul’isuuf jedhan Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal.

Raayyichaaf kabajatu mala jedhan.

Dabalataan uffanni seeraa raayyaa ittisaa biyya keessatti oomishamaa jiraachuu fi ministeerichi raayyaa ittisaa cimsuuf qooda isaa kan bahu ta’uu himaniruu.

Deeggarsicha kan fudhatan Ministir Deetaan Ministeera raayyaa ittisaa Martaa Liwuujii deeggarsi taasifame raayyaa ittisaa cimsuuf gahee qabaachuu eeraniiru.

Meeshaaleen raayyaa ittisaaf galtee ta’an biyya keessatti akka oomishamu qindoominaan ni hojjetama jedhan.

Tigisti Birihaaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.