Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii lammiilee Waaghimraatti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 53 taasise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii lammiilee bulchiinsa saba Waaghimraatti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa nyaataa fi uffataa Birrii miiliyoona 53tti tilmaamamu taasise.

Sirni walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaa bakka Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaaleewu fi Komishinarri Komishinii Gumruukaa Dabalee Qaabataan argamanitti magaalaa Saqoxaatti gaggeeffameera.

Lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaar sababa garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Ministeerri Galiiwwanii fi Komishiniin Gumruukaa deeggarsa garaagaraa taasisaa turuu obbo Dabaleen kaasaniiru.

Hanga ammaatti bulchiinsa saba Waaghimraaf deeggarsa nyaataa fi uffataa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 15 olitti shallagamu taasisuu yaadachiisaniiru

Yeroo ammaa kanas deeggarsa nyaataa fi uffataa Birrii miiliyoona 53 olitti tilmaamamu taasisuu himaniiru.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalaw gamasaaniin garee Shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti namaa fi qabeenyarra miidhaa cimaa qaqabsiisuu yaadachiisuun lammiilee miidhaman kanneeniif deeggarsa taasifametti gammaduu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.