Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa qormaata madaallii ga’umsaa laachuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa qormaata madaallii ga’umsaa laachuu eegaluu beeksise.
Qormaatich ogummaa yaala, Narsiingi, HO, teeknoolojoo meedikaal laabraatoorii, Aniisteezhiyaa, Faarmaasii fi deessisuuwwaniin eebbifamtoota digirii jalqabaaf har’aa eegalee hanga Bitootessa 24, 2013tti ni kennama jedhame.
Qormaatichuu guutuu biyyattiitti buufataalee 38 keessatti laatamaa jiraachuu ibsameera.
Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa aadde Alamtsahaay Phaawuloosii fi Daayreektarri olaanaan Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa Dooktar Diilaamoo Ootoren buufata Koolleejjii Yaalaa Barkumee Hospitaala Phaawuloositti argamuun daawwataniiru.
Ogeeyyiin yaalaa kumni 18 fi 926 tajaajila kennuu osoo hin eegalin dura ga’umsaa fi dandeettii isaanii madaaluuf qormaata madaallii ga’umsaa kana ni fudhatu jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.