Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa naannoolee hundaaf deeggarsa hordoffii fi daawwii akka taasisuu beeksise

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Ministeerri Fayyaa naannoolee hundaaf deeggarsa hordoffii fi daawwii akka taasisuu beeksise.

Deeggarsa hordoffii fi daawwii naannoolee hundaaf taasifamu kun Caamsaa 3, 2012 irraa eegalee ni gaggeeffama.

Deeggarsi hordoffii kun jalqabarratti vaayrasii koroonaan alatti hojii idileerratti ta’uu ministirichi beeksiseera.

Yeroo ammaa kanaa hoospitaalaa hanga keella fayyaatti sabaaba vaayrasii koroonaan hojiin yaala fayyaa laachuu idileerratti laafinni muul’acha jira.

Haalli hojimata dhaabbiilee fayyaa maal irra jira kan jedhuu fi gurmaa’insi biiroo maal akka fakkaatuu daawwaachuun deeggarsi akka taasifamuu ministrichi beeksiseera.

Ministir deettaan ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, deeggarsa fi hordooffichi sabaaba weerara vaayrasii koroonaan tajaajila yaala fayyaa idilee kennamurratti laafina jiru hir’isuufi yoo danda’amees fooyyansi taasifamu akka qabuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.