Ministeerri Fayyaa fi Itiyoo Teelekoom damee fayyaa dijitaalessuuf waliigalan
Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)- Ministeerri Fayyaa fi Itiyoo Teelekoom damee fayyaa dijitaalessuun ammayyeessuuf waliigalaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa fi Hoji Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo Teelekoom Firehiiwot Taammiruun dhaabbileen lameen walta’iinsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Dooktar Maqdas akka jedhanitti, damee fayyaa dijitaalessuuf ministeerichaan xiyyeeffatamee, imaammata fayyaa keessatti hammatamuu himanii, tajaajila ‘Fayyaa Teelee’ imaammataan akka deeggaramu fi seera qabeessan akka hogganamu hojjetamaa jira.
Teelekoomii fi bu’uuraaleen misoomaa dijitaalaa fayyadamuun barnoota fayyaa fi odeeffannoowwan fayyaa miidiyaalee hawaasaan kennamuu eeranii, Itiyoo Teelekom damee fayyaan tajaajila dijtaalaa kennaa jiruuf galateeffataniiru.
Dhaabbilee fayyaatti kaffaltii tajaajilaa karaa Teele Birriin akka raawwatamuuf hojilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Firehiiwot Taammiruun gama isaaniin tajaajiloonni dijitaalaa damee fayyaa waliin qindaa’uu qaban hedduun akka jiran marii gaggeeffamerraa hubachuu himaniiru.
Itiyoo Teelekoom hojmaata dhaabbilee fayyaa dijitaalessuun qulqullina tajaajilaa foyyessuu irratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia