Ministeerri Dhimma Alaa tajaajila Onlaaynii laachuu eegale
Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa tajaajila Onlaaynii laachuu har’a eegaleera.
Ministeerichi tajaajila Viizaa hawaasa dippiloomaatii fi dhaabbilee idil adduunyaaf laatuu dabalatee kanneen biroo Onlaayniin laachuu eegaluu Ministir deettaan ministeericha Ambaasaaddar Birtukaan Ayyanoon ibsaniiru.
Tajaajilli onlaaynii ifoomee kun imbaasiiwwan biyyoota garagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasisaan, dhaabbilee idil addunyaa fi naannoo akkasumas hojjeettoonni dhaabbilee keessaa tajaajila si’ataa akka argataniif kan dandeessisuudha jedhameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.