Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri dhimma alaa Maalaawwii Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Ministeerri dhimma alaa Maalaawwii Ityoophiyaa waliin dhimmoota waloo irratti hojjechuuf qophii ta’uu ibseera.
Itti Aanaa Gaggeessa Misiyoonichaa Ambaasaaddar Siraaj Rashiid Itti Waamaamaa Dhaabbii Ministeera Dhimma Alaa Maalaawwii Dooktar Liikii Siikwuuzee waliin marii’ataniiru.
Wayita ammaa motuummaan Ityoophiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuu garee juuntaa irratti gaggeefffame xumuruun, bu’uuraalee misoomaa deebisaanii dhaabuu fi yakkamtoota adamsuun seeratti dhiyeessuuf mootummaan hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa mootummaa Maalaawwii waliin hojjechuuf qophii tahuus ibsaniiru.
Itti Waamaamaa Dhaabbii Ministeera Dhimma Alaa Maalaawwii Dooktar Liikii Siikwuuzee mootummaan Maalaawwii mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophii tahuu ibsaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.