Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa Guyyaa Gaarummaan kennaa ayyaanaa fi maaddii qoode

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Ministeerri Dhimaa Alaa Guyyaa Gaarummaa har’aa kabajamaa jiru sababeeffachuun kennaa ayyaanaa fi maaddii qoodeera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon, tola ooluun dhalootatti gaarummaa argisiisu waan ta’eef, guyyicha ilaalchisee deegarsa taasisuu ibsaniiru.

Keessummaa, daa’immaan rakkoo keessa jiran kunuunsuu fi deeggaruun hojii qaamolee muraasaaf dhiifamu utuu hintaane ittigaafatama waloo ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan Ministeerri Dhimma Alaa guyyaa gaarummaa sababeeffachuun daa’imman rakkoo keessa jiraniif kennaa arjoomuu fi maaddii qooduu dubbataniiru.

Dabalataan Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa abbootii qabeenyaa qindeessuun Finfinneetti manneen harka qalleeyyiif Birrii miiliyoona 15’n ijaarsise 10 dabarseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.