Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa, boqochuu  Muummee Ministiraa Jaappaan duraanii Shiinzo Abeen gadduu ibse

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Du’a gaddisiisaa  Muummee Ministiraa Jaappaan duraanii Shiinzo Abeen gadduu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibseera.

Ministeerichi, du’aatii isaaniif sababa kan ta’e gocha gaddisiisaa raawwatame balaaleffateera.

Muummeen Ministiraa duraanii Jaappaan Shinzo Abeen hariiroo Ityoophiyaa fi Jaappaan gara sadarkaa olaanaatti guddisuu keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu ibseera.

Hariiroon gamlamee Afrikaa-Jaappaan akka cimu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphachuu ministeerichi kaaseera.

Ministeerichi michuuwwan uummata Jaappaaniif, Ministeera Dhimma Alaa Jaappaaniif akkasumas maatiisaaniif jajjabina hawwuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.