Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa Ambaasaaddaroota biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa Ambaasaaddaroota biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa waliin waltajji marii waggaa gaggeessaa jira.

Ministeerichi Ambaasaddarootaa fi jila biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa waliin bara faranjootaa 2016 waliigaltee faayidaa waloo mallatteessan bu’uureffachuun mari’achaa jiru.

Waggaa waggaan marii damichaa gaggeeffamurratti Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin argamaniiru.

Marichi Itiyoophiyaan gamticha waliin hariiroo qabdu fooyyessuu fi Gamtaa Awurooppaa fi biyyoonni miseensaa gamtichaa hojiilee deebisanii dandamachiisuu akka deeggaraniif waliigaltee mallatteessan hojiirra oolchuuf carraa kan uumuudha jedhameera.

Dabalataan hojiilee hidhannoo hiikkachiisuu, deebisanii dandamachiisuu fi ijaaruu deeggaruuf kan tumsu ta’uun ibsameera.
Kana malees dhimmoota naannawaa fi idil addunyaa irratti bal’inaan kan mari’atamu ta’uun eerameera.

Taarikuu Waldasanbatii fi Ashannaafii Shibbiruutiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.