Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii projaktii bishaan dhugaatii namoota miiliyoona walakkaa fayyadamaa taasisu ijaaruuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii projaktii bishaan dhugaatii namoota miiliyoona walakkaa fayyadamaa taasisu ijaaruuf waliigaltee mallatteesse.
Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjiitti Komiishiniin misoomaa Bishaanii Projaktiin bishaan dhugaatii kun kan hojjetamu naannoolee hongeen irra deddeebiin mudatutti akka ta’e himaniiru.
projaktiin kunneenis Naannoo Oromiyaatti Projaktii 2 Godinaa Booranaa fi Baalee Bahaa ,Naannoo Amaaraa projaktii 1 fi Naannoo Affaaritti Pirojektii 1 ta’uu himameera.
Mootummaa Federaalaa Pirojektootaa kanaf Birrii Biiliyoona 1.9 rammaduu eerameera.
Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa projakttoonni kunnen naannoolee hanqinaa bishaan dhugaatii qaban furuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Projaktoonni kunneen gaafa xumuraman namoota Miiliyoona walaakkaa fayyadamaa taasisa jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.