Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa yaada foyyeessaa sirna barnootaarratti Yuunvarsiitii Samaraatti waltajjii marii gaggeesse

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Ministeerri Barnootaa yaada foyyeessaa sirna barnootaarratti Yuunvarsiitii Samaraatti waltajjii marii gaggeessuu ibsame.

Mariin sadarkaa sirni barnootaa Ityoophiyaa irratti argamurratti xiyyeeffate yuunvarsiitiiwwan garaagaraatti gaggeeffamaa jiraachuu fi kan yuunvarsiitii Samaraa  isa 4ffaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Biraanuu Naggaa waltajjichaan ibsaniiru.

Fuulduratti sirni barnootaa Ityoophiyaa maal fakkaachuu qaba kan jedhurratti preezdaantiiwwan yuunvarsiitii mootummaa 47 fi preezdaantota yuunvarsiitii dhuunfaa waliin mari’achuu ibsaniiru.

Sirna barnootaa fooyyessuuf yaadota ijoo kaasuun hawaasa yuunvarsiitii Samaraa waliin yeroo dheeraa fudhachuun marii bal’aa kan taasisan ta’uu kaasaniiru.

Preezdaantiin yuunvarsiitii Samaraa Dooktar Mahaammad Usmaan gamasaaniin, hojiilee fooyya’iinsa sirna barnootaa fidan kamiinuu kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Ministeerichi waltajjii akka kanaa cimsee itti fufuun sirna barnootaa biyyattii fooyyessuun hayyoota guddina yaadame milkeessuu danda’an oomishuun akka danda’amuutti kutannoon akka hojjetuu yaadachiisuu ragaan Yuunvarsiitii Samaraarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.