Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa gita isaa Xaaliyaanii waliin waliigaltee walta’iinsaa mallatteesse

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)-Ministeerri Barnootaa fi Ministeerri Barnootaa Xaaliyaanii waliin damee leenjii barnootaarratti waloo hojjechuuf waliigaltee walta’iinsaa mallatteesseera.

Waliigaltichsa Ministira Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa fi gitaa isaanii Juuseeppee Vaaldaayitaaraan mallateessaniiru.

Sirnicharratti Pirofeessar Birhaanuu Naggaan akka jedhanitti, Manni Hojii Ministeerichaa riifoormiiwwan gaggeessaa jirurratti ibsa kennaniiru.

Juseeppee Vaaldaayitaara gama isaaniin Xaaliyaaniin leenjii teekinikaa fi ogummaan, afaanii fi aadaan akkasumaas waljijjiirraa barattootaa fi barsiisotaarraatti ministeerichaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Sanadni waliigaltee mallatteeffames walta’iinsa barnootaa fi leenjii biyyootaa gidduutti taasifamuu gara sadarkaa caaluutti guddisuuf kan kaayeffate ta’uu ragaan Ministeeraa Barnootaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.