Ministeerri Barnootaa Faransaay waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse
Finfinnee, Sadaasa 21, 2017 (FBC)- Ministeerri Barnootaa Faransaay waliin damee barnootaa cimsuuf kan dandeessisu waliigaltee mallatteesseeera.
Waligaltichas Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Ministira Dhimma Alaa Faransaayii fi Awurooppaa Jiyaan Noo’eel Baaroot mallatteessaniiru.
Waliigaltichis Faransaay carraalee barnootaa kennuuf, akkasumaas sagantaalee barnootaa bilisaa Mana Barnootaa Liisee Gabramaariyaam cimsuuf kan dandeessisu ta’uun himameera.
Pirofeesar Birhaanuu Nagaan akka jedhanitti Itiyoophiyaan qulqullina barnootaa mirkaneesuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jirti.
Kallatti fuulduree Barnootaa ifoomsuu irraa eegalee dhaabbilee barnoota sadarkaa jalqabaa hanga olaanootti adeemsa baruu fi barsiisuu cimsuuf xiyyeeffannaa kennitee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaa Faransaay waliin waliigalteen mallatteeffames karoora Itiyoophiyaan damichaan qabdu galmaan ga’uuf kan tumsu ta’uu himuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia