Ministeerri Barnoota manneen harka qalleeyyii haaromsaa ture laate
Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Ministeerri Barnoota sangataa tola oltootaatin kutaa magaalaa Araadaa aanaa 9tti manneen harka qalleeyyii haaromsaa ture laateera.
Manneen jireenyaa kanas hoggantoonni olaanoo ministeera barnootaa bakkiichatti argamuun jiraattootaaf laataaniiru.
Ministirri Ministeera Barnoota Dooktar Injinaar Geetahuun Makuriyaa, Harka qalleeyyii deeggaruun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taanee kan nama hundaati jedhaniiru.
Haaromsaa manarra darbees fayyadamtootaa meeshaaleen mana keessaaf barbaachisan guutamaniiru.
Hojii raawwachiistuun kutaa magaalaa Araadaa Dooktar Haannaa Yashiinguus, hojii tola oltummaa ministeerri barnootaa raawwateef galateeffataniiru.
Bara baajata 2014ttis hojiin tola oltummaa gannaa cimsee akka itti fufuu ibsu ragaan Ministeerichaarra argamee ni mul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.