Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Albuudaafi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa agarsiisa albuudaa Idil Addunyaa gaggeeffamurratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Ministeerri Albuudaafi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa agarsiisa albuudaa Idil Addunyaa baatii Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti waliin hojjechuuf waliigaluu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Injinar Taakkalaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, dameen albuudaa tumsa qaamolee hedduu kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen idil addunyaa akka Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa gudina damee albuudaa qaamolee qooda fudhattoota warreen ijoo ta’uu kaasaniiru.

Guyyaa har’aas Walitti Qabaa Boordii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Girmaa Waaqeefi Hojii Raawwachiisaa Daandichaa obbo Masfin Xaasawu waliin damee albuudaarratti dhimmoota walta’iinsaan hojjechuu danda’an irratti mari’achuu eeraniiru.

Dabalataanis agarsiisa albuudaa idil addunyaa baatii Sadaasaa dhufu irratti waliin hojjechuuf waliigaluu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.