Ministeerri Albuudaa dhaabbilee Warqee oomishaniif deeggarsa aadda akka taasisu ibse
Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Ministeerri Albuudaa Dhaabbilee albuuda Warqee oomishaniif deeggarsaa fi hordoffii addaa akka taasisu ibse.
Ministirri Ministeerichaa Dooktar Habtaamuu Taganyi dhaabbilee omishtoota albuuda Warqee waliin karooraa oomishaa bara 2016 irratti mari’ataniiru.
Dhaabbileenis bara dhufu oomisha fooyya’aa akka oomishaniif deeggarsaa fi hordoffii barbaachisa akka taasisuu fi galii fooyya’aa akka argamsiisan eegama jedhan.
Hoggantoonni dhaabbilees gama isaaniin, rakkoolee hojii isaaniirratti quunnamanii jiruu kaasaniiru.
Deeggarsaa sadarkaa federaalaa hanga naannoo yoo taasifameef oomisha fooyya’aa argamsiisuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Ministeerichis rakkoolee dhaabbilee furuudhaaf deeggarsaa fi hordoffii taasisuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Karoora bara baajataa 2016 milkeessuuf waloon hojjechuuf waliigalteerra ga’ameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.