Ministeerri Aadaa fi Turiziimii Yuunvarsiitii Amboo waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse
Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Ministeerri Aadaa fi Turiziimii Yuunvarsiitii Amboo waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.
Yuunvarsiitii Ambootti giddu ala qo’annoo fi qorannoo Looreet Tsaggayee G/Madinitti kan argaman Ministirri Ministeera Aadaa fi Turiziimii Dooktar Hiruut Kaasahun Looreet Tsaggayee Gabra Madin Ityoophiyaa keessatti dhaloota yaada gaarii fi dhaloota duubise beekumsatti amanu uumuu keessatti shooraa olaanaa bahani jiru jedhan.
Hojiin maqa isaaniitin yuunvarsitii Amboo kewssatti hojjetamanii fi hajjetama jiran kan jajjabeeffamu ta’uu himaniiru.
Hojii Looreet Tsaggayee G/Madiin hojjetan waliin wal bira qabame yoo ilaalamuus itti xiqqata jechuun kana caalaa hojjetamu qaba jedhan.
Namoota akka Looreet Tsaggayee G/Madin argachuuf sammuu daa’immaani irratti hojjechuun barbachisadha jedhan.
Waligaltichaas Ministirr Deettan Ministeera Aadaa fi Turiziimii Buzunesh Masaratii fi Itti aantuu Preezdantiin Yuuvarsiitii Amboo Dooktar Buzunesh Midhaksaa mallateessaniru.
Yuunvarsitii Ambootti garagaraa proofesaraa fi daaayrektaraa Qo’annoo fi Qorannoo kan ta’an Saamu’el Layikun yuunvarsiitiin Amboo gama qo’annoo fi qorannoon hojiiwwan jajjaboo dhimma hidha haaroomsaa, dhibee covid 19 fi baratoota hedduu Aartiidhaan barsiisee yeroo amma kana rayyaa ittisaa biyya jajjabessuf Giddu gala leenjii garagaratti argaman jechuun dabalaatanis qo’annoo fi qorannoo Afaan Oromoo irratti hojjechaa kan jiru fi gara fuulaa duratti ciminaan ni hojjetamaa jedhaniiru.
Yuunvarsitiichi bara kanatti Mana Barumsa Muziqa banuufi jedhaniiru.
Preezdantiin yuunvarsitii Amboo Dooktar Baay’isa Laataa yuunvarsitiichi dhimma Aartii fi Muziqa irratti hojii baay’ee hojjechuuf karooraa qabachuu kasanii gara fuulaa duratti dhaabbata of danda’ee hundessuuf jedhaniru.
Midhaksa Qachaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.