Ministeerichii fi dhaabbileen waamamtootaa Maqedooniyaatti Maaddii qoodan
Finfinnee, Mudde 29, 2017 (FMC)-Ministeerri Fayyaa fi dhaabbileen waamamtootaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun lammiilee Waldaa Tola Ooltota Maqedooniyaatti argamaniif Maaddii qoodaniiru.
Ministirri Ministeerichaa Dooktar Maqidas Dhaabaa fi Hoggantoonni dhaabbilee waamamtootaa akkasumas hojjettoonni hirmaataniiru.
Maaddii qooduun cinaattis deeggarsa meeshaalee qulqullinaa, qorichaalee fi kanneen biroo taasisaniiru.
Maqedooniyaatti argamuun Maaddii qooduutti gammaduu kan ibsan Dooktar Maqidas, maanguddootaaf deeggarsa garaagaraa taasisaa turuu yaadachiisanii, fuuldurattis cimee akka itti fufu mirkaneessuu TOI gabaaseera.
Maqedooniyaan biyyattiitti dameelee 44’tti lammiilee kuma 8 oliif deeggarsa taasisaa jira.
#Ethiopia #Oromia