Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi waggaa ittaanutti sagantaalee barnootaa 70 irratti qormaanni ba’umsaa kan kennamu ta’uu ibse

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Ministeerri Barnootaa waggaa ittaanutti sagantaalee barnootaa 70 irratti qormaanni ba’umsaa yuunvarsiitii barattoota eebbifamtootaaf  kan kennamu ta’uu ibse.

Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan Bulchiinsaa fi Hoggansa Bu’uuraalee Misoomaa Damee Misooma Barnoota Olaanoo Dooktar Salamoon Abrahaan,bara dhufurraa eegalee barattoonni eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo sagantaalee 70 irratti qorumsa ba’umsaa kan fudhatan ta’uu ibsaniiru.

Bara 2014tti qindoomina olaanaa taasifameen   dhaabbilee barnootaa olaanoo sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuun gara hojiitti debisuun danda’amuu ibsaniiru.

Barattoota yuunvarsiitii naannoo Tigraay keessatti barataniifi sababa waraanaan ba’an gara yuunivarsiitii birootti ramaduun barnoota isaanii akka itti fufan taasifamuun bu’a qabeessa ta’uu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.