Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Waajjira Tajaajila Pirojektii DHMG waliin hojjechuuf waligaltee mallattesse

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- Ministeerri Jaallisii fi Naannawwaa Gammojji Waajjira Tajaajila Pirojektii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin tumsaan hojjechuuf sanaada waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalticha Ministira Ministeera Jaallisii fi Naannawwaa Gammoojjii Ijiinar Ayiisha Mahammad fi Bakka Bu’aan Waajjira Tajaajila Pirojekti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii mallatteessaniiru.

Waliigaltichi dhaabbiileen lameen tumsa dameelee garagaraan qaban caalmaatti babal’isuu fi cimsuuf kan gargaruu ta’uun ibsameera.

Kanaa malees, dhaabbiilee lameen itti gafaatamummaa isaanii sirnaan akka bahataniif kan dandesisuu ta’uun ibsamuu ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.