Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi tola ooltoota biyyaalesssaa kuma 3 ol eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Ministeerri Nageenyaa Yuunivesiitiwwan garaagaaraa waliin ta’uun dargaggoota leenjii tajaajila Tola Ooltummaa biyyaalessaa leenjisaa ture kuma 3 fi 400 ol eebbisiiseera.

Tola ooltoonni kunneen marsaa 12ffaaf kan eebbifaman ta’uutu ibsame.

Dargaggoonni Yuuniversiitii Addigiraat, Waachaamoo fi Waraabeetti tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa leenji’aa turan kumni 3 fi 460 eebbifamaniiru.

Ministeerri Nageenyaa guyyaa har’aa yuunivarsiitiiwwan 4tti dargaggoota kuma 4 ol kan eebbisiise yoo ta’u, yeroo itti aanutti barattoota yuunivarsiiti kuma 30 sagantaa leenjii tola ooltummaa gannaatiin leenjisuuf karoorfachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Hanga ammaatti dargaggoonni kumni 80 leenjii tola Ooltummaa kana leenji’uu ibsameera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.