Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi tajaajila Loojistiksii biyya keessaa garaagarraatti tattaaffii taasiiseen baasii Birrii biiliyoona 2.2 baraaruu beeksiise

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa tajaajila Loojistiksii biyya keessaa garaagarraatti tattaaffii taasiiseen baasii Birrii biiliyoona 2.2 baraaruu beeksiiseera.
 
Damee Geejjibaan tattaaffii hojii taasiifameen fooyya’iinsi jajjabeessaa ta’e argamuu ibseera.
 
Fe’umsa Toonii kuma dhibba 9 fi kuma 54 buufata Taajuraan galchuun baasii Buufata Jiibuutiin ba’uuf ture Birrii miiliyoona 91 fi kuma dhibba 9 fi kuma 35 baraaruun danda’amuu ibsameera.
 
Meeshaaleen alatti ergaman biyya keessatti saamsamuun ergamuu isaaniin baasiin sharafa alaa ba’uuf ture Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 3.14 hir’isuun danda’amuu eerameera.
 
Bara darbe Dooniwwan guyyoota 33 galaanarra turan gara guyyoota 11 hir’suun baasii Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 91.4 baraaruun danda’amuu ministeerichi ibseera.
 
Uwwisa tajaajila Baabuuraa fooyyeessuun meeshaalee galuu fi ba’uu baasii geejjibaa miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 60.31 hir’isuun danda’ameera.
 
Waliigala tattaaffii tajaajila Loojistiksii biyya keessarratti taasiifameen baasii Birrii biiliyoona 2.2 baraaruun danda’amuu Ministeerichi ibsa Faanaa Broodkaasting Korporeetiif ergeen himeera.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.