Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi rakkoo manaa dhaabbilee mootummaa hir’isuuf cimsee hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) -Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii rakkoo manaa dhaabbilee mootummaa hir’isuuf cimsee hojjechaa jiraachuu beeksise.
Waajjiri ministeerichaa Waajjira Ijaarsaa Gamoowwan Federaalaa fi Ejansii Galmee Sanadootaa fi Mirkaneessaaf gamoo waajjira olaanaa ijaaruuf mallatteesseera.
Ijaarsichi baasii Birrii biiliyoona 600 oliin akka raawwatamu ibsameera.
Wayita waliigaltichaa Ministirri Misoomaa Magaalaa fi Kinistiraakshinii Injiinar Ayshaa Mahaammad ijaarsichi yeroo qabametti akka xumuramuuf hordofiin akka ta’uu himaniiru.
Daayreektarri Olaanaan Ejansiii Galmeessa sanadootaa fi Mirkaneessa obbo Muluuqan Amaaraa gama isaaniin ijaarsi gamoo raawwatamuun hojiin akka si’atu taasisa jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.