Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi naannoo Gambeellaaf tiraakteroota 36fi jenereetaroota bishaanii 150 deeggarsa taasise

Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Ministeerri Jallisiifi Naannawaa Gammoojji naannoo Gambeellaaf tiraakteroota 36fi jenereetaroota bishaanii 150 deeggarsa taasisuu ibsame.

Deeggarsicha Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad Pireezidaantii naannichaa Obbo Umood Ujuluutti dabarsaniii kennuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, naannichi lafa bal’aafi bishaaniin kan badhaadhe ta’uu eeruun, galteewwan qonna makaanaayizeeshinii kunneen oomishtummaa guddisuuf deeggarsa olaanaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluun gamasaaniin, deeggarsa taasifameef galateeffachuun hojii naannichi damee qonnaan eegale kan deeggaru akkasumas gaaffii dhiyeessii galtee qonna makaanaayizeeshinii qonnaan bultootaafi horsiise bultoota naannichaarraa dhiyaatuuf deebii kan kennu ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.