Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Naannoo Beenishaanguul_Gumuziif Birrii miiliyoona 590 Deeggarsa taasise

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuralee Misoomaa Naannoo Beenishaanguul_Gumuziif Birrii miiliyoona 590 Deeggarsa taasiseera.

Deeggarsichi lammiilee balaa umamaa fi namtolcheen qe’ee fi qabeenya isaanniirra buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 90 taasiseera.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraale Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin,deeggarsichi namoota balaan miidhaan irra gaheef akka qaqqabu Mootummaa naannichaa hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuuz Obbo Ashaadilii Hassan gama isaaniin,deeggarsi ministeerichi guddinaa magaalootaa fi lammiilee balaan miidhamaniif taasisu kan jajjabeeffamu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsichi kaayyoo yaadameef akka oluuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsichi laammiilee qe’ee isaannirra buqqa’an kuma 107 ol fayyadamoo taasiisa jedhame.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.