Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Meqedooniyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 9.5 taasise

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)-Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Giddugala Kunuunsa Maanguddootaa fi Dhibamtootaa Sammuu Meqedooniyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 9.5 taasiseera.

Deeggarsichis guyyaa Daneessummaa sababeeffachuun kan taasifameedhas jedhameera.

Ministirri ministeerichaa Dooktar kaasaahuun Gofeen akka ibsanitti, Mannii hojii miisteerichaa dhaabbilee waamamtootaa waliiinta’uun maanguddootaaf meeshaalee Birrii miiliyoona 7.5’tti tilmaamamu tasiseera.

Dabalataan maanguddoota kuma 7 fi 500’f maaddii qooduu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin Baankiin Sikkeet Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hojjettootasaa hirmaachisuun “Dhaabbata Tola ooltummaa Wub- Anchii” jedhmuuf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birrii miiliyoona 3.5’tti tilmaamamu taasiseera.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.