Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 6 olii taasise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa Godina Goofaatti lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa akaakuu fi maallaqa Birrii miiliyooan 6 olii taasiseera.

Jilli Ministira Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Anduwaalamiin durfamu naannawaa balichi mudateetti argamuun deeggarsa maallaqa Callaa Biirri miiliyoona 2.2 fi akaakuun Birrii miiliyoona 4.2’tti tilmaamamuu taasiseera.

Obbo Binnaalfi balichaan miidhaa qaqqabeen gadda isaanitti dhaga’me ibsuun, manni hojii ministeerichaa lammiilee miidhaman dandamachiisuuf qaamolee garaagaraa hirmaachisuun dabalataan deeggarsa Birri miiliyoona 30 akka taasisu waadaa galaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaanis deeggarsa ministeerchi taasiseef galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.