Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birri miiliyoona 3 taasise

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)-Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Dhiyeenya Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaatti balaa sigiga lafaan lammiilee miidhamaniif deeggarsa Birri miiliyoona 3 taasiseera.

Deeggarsichaas ministeerichaa fi dhaabbileen waamamtootaan kan taasifamee ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltuu Saaniin deeggarsicha godinichaaf dabarsaniiru.

Gama biraatiin, Baankiin Awaash lammiilee balichaan miidhamaniif deeggarsa Birri miiliyoona 7 taasiseera.

Bulchaan Godina Goofaa Injiinar Daagmaawii Ayyaalaan deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.