Ministeerichi Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasise
Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Ministeerri Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisuu ibsameera.
Ministeerichi deeggarsa nyaataa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 26.4tti tilmaamamu taasisuu ibsameera.
Deeggarsicha Ministirr Deetaan Ministeera Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaatti Damee dargaggootaa aadde Hiwoot Hayiluu fi Ministeerichattii Ministirr Deetaan damee dubarttootaa aadde Munaa Ahimad kantibaa magaalaa Dassee obbo Abbabaa Gabramasqalitti laataniiru.
Obbo Abbabaan deeggarsa taasifameef maqaa lammiilee buqqa’anii fi maqaa bulchiinsa magaalichaan galateeffataniiru.
Allabbachoo Abaataatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.