Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee naannoo Afaar qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasise

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii  lammiilee sababa weerara gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaaritti gaggeessee tureen qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasisuu ibsameera.

Deeggarsicha Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaatti dabarsanii laataniiru.

Naannichatti sababa weerara garee shororkeessaa ABUTn lammiilee hedduun qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu obbo Awwal wayita deeggarsicha fudhatan yaadachiisaniiru.

Mootummaan dhaabbilee tola ooltotaa waliin ta’uun deeggarsa namoomaa naannichaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsuun, rakkoo jiru waliin wayita madaallamu deeggarsi dabalataa kan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.

Deeggarsa namoomaa cinaatti hojiilee deebisanii dhaabuu hojjechuuf deeggarsi akka taasifamu gaafataniiru.

Deeggarsichi miidhamtoota kan gargaaru ta’uu ibsuun Ministeericha  galateeffataniiru.

Injinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, yeroo itti aanu deeggarsa namoomaan cinaatti sababa waraanaan miidhaa naannichatti qaqqabe deebisanii dhaabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessuun deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ministeerichi kanaan dura qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessuun lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisuun isaa kan  yaadatamudha.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.