Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee miiliyoona 9.2f tajaajila Bishaan dhugaatii fi saaniiteeshii dhiyeessuu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 7,2013 (FBC) – Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii lammiilee miiliyoona 9.2f tajaajila Bishaan dhugaatii fi saaniiteeshii dhiyeessuu beeksiiseera.
Bara baajatichaa lammiilee sababa hongee, lolaa fi walitti bu’iinsaan qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif tajaajila bishaan dhugaatii fi Saaniiteeshinii dhiyeessuun danda’amuu ibseera.
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan hojiin bara baajataa 2013 Aramaa Inboccii balleessuu dabalatee marii hidha Haaromsaa fi Guutiinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaarratti hojjetame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Bara baajatichaa mootummoota naannolee fi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun waliigala Proojektoota bishaan dhugaatii kuma 9 fi 471 hojjetamuu kaasaniiru.
Naannoo Baadiyyaatti lammiileen miiliyoonni 2.5 fi magaalaatti jiraattoonni miiliyoonni 1.5f tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuun danda’ameera jedhan Dooktar Injiinar Silashiin.
Naannolee hongeen irra deddeebiin miidhaman 15 bishaani dhugaatii fi magaaloota 23f Proojketiin Saaniiteeshiniin hojjetamuu dubbataniiru.
Bara baajataa xumurame kanatti lammiileen miiliyoonni 9.2 tajaajila Bishaan dhugaatii fi Saaniiteeshinii argachuu dubbataniiru.
Dabalataan magaaloota 13f tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu fi Saaniiteeshinii dhiyeessuuf waliigalteen liqaa yeroo dheeraa Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 69 mallattaa’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeerichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.