Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi karoora waggoottan 10 hojii misooma manneeniin manneen miiliyoona 4.4 ijaaruuf karoorsuu ibse

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa karoora waggoottan 10 hojii misooma manneeniin manneen miiliyoona 4 fi kuma dhibba 4 ijaaruuf karoorsuu ibseera.

Dabalataanis sagantaa misooma magaalaa baadiyyaan manneen miiliyoona 2 fi kuma dhibba 8 ijaaruuf karoorsuu beeksiseera.

Ministeerichi karoora waggoottan 10 gara boqonnaa hojiitti ceesisuuf guyyaa har’aa yaa’ii biyyaalessaa gaggeessaa jira.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin, tarsiimoon dhiyeessii mana magaalaa fi tarsiimoon misooma manaa baadiyyaa kanaan dura hojiirra turan sanada “tarsiimoo misooma manaa” jedhu keessatti haammatamanii qophaa’uu ibsaniiru.

Magaalota Ityoophiyaa keessatti manneen jireenyaa qulqullinaan, ariitiinii fi baayyinaan dhiyeessuuf, carraa hojii bal’aa uumuuf, indaastirii ijaarsaa guddisuuf, magaalota keessa iddoowwan  dullooman haaromsuuf haala dandeessisuu fi damee dhuunfaa bal’inaan haala hirmaachisuu danda’uun kan qophaa’e ta’uu kaasaniiru.

Bu’aawwan misoomaa fi muuxannoowwan baroota darbaniirraa ka’uun misoomaa fi bulchiinsa manneen jireenyaa biyyattiirratti jijjiirrama caasaa taasisuun damee misooma manaan seektarri dhuunfaa ga’ee olaanaa akka fudhatuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Waggoottan 10 itti aananittis manneen jireenyaa miiliyoona 4 fi kuma dhibba 4 ijaaramuuf karoorfaman keessaa dameen dhuunfaa %80 ni uwwisa jedhamee karoorfamuu ibsaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.