Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi hanqina dhiyeessii Siimiintoo furuuf murteewwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) –Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii hanqina dhiyeessii Siimiintoo furuuf murteewwaan garaagaraa dabarsuu beeksise.
 
Hanqina sharafaa Warshaalee Siimiintoo muudatan furuuf Doolaarri miiliyoonni 85 ramadamuu Ministirri Ministeerra Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal dubbataniiru.
 
Tarkaanfiin kun rakkoo jijjiirraa walrshaalee muudatan furuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
 
Warshaaleen Siimiintoo Oomishan fayyadamtoota biraan ga’uurratti hanqina olaanaa qabaachuu himaniiru.
 
Qaamooleen damichaan heeyyama hin qabne warshaalee waliin hariiroo uumuun rabsaa fi gurgurtaarratti rakkoo hammaataa uumuu isaanii ibsaniiru.
 
Hanqina dhiyeessii quunnamu furuuf qajeelfamni gurgurtaa Siimiintoo Wiixaxa dhufuu eegalee hojiirra kan oolu ta’uu obbo Malaakuun dubbataniiru.
 
Hanqina gama geejjibaan muudate furuuf Ministeera Geejjibaa waliin hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
 
Konkolaattoonni Siimiintoo fe’uuf warshaalee Siimiintoo keessa baatii tokkoof dhaabbataa turan, guyyaa 2 keessatti fe’anii akka ba’an taasifameera jedhan.
 
Hanqina Siimiintoo biyyattii muudate furuuf qorannoon gadi fageenyaa taasifamuu ibsaniiru.
 
Balaay Tasfaayeetu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.